Qabxiilee ijoo (Key points)
- Vaayirasiin sinsiitii sirna hargansuu (RSV) vaayirasii sombaafi ujummoo qilleensaa faaludha.
- RSVn sababa dhukkuba sirna hargansuu daa’imman irratti mul’atu keessaa isa tokkodha.
- Mallattoon dhukkuba RSV irraa dhufu yeroo baay’ee dhangala’aa funyaanii, qufa’uu, sagalee waliin hafuura baafachuu fi ho’a qaamaa kan dabalatudha.
- Irra caalaan infekshinii RSV salphaa waan ta’eef boqonnaa fi dhangala’aa waliin mana keessatti ni fooyya’a.
- RSVn haala salphaatti babal’ata; Mucaan keessan qulqullina gaarii akka shaakalu barsiisaa.
- Daa’ima keessan daa’imman reefuu dhalatan fi namoota sirna ittisa qaamaa dadhabaa qaban irraa fageessuuf yaalaa.
- Mucaan keessan gara mana barumsaa sadarkaa tokkoffan duraa ykn mana barumsaa deemuu danda’a yoo haalli gaariin itti dhaga’amee fi mallattoon isaan fooyya’e.
- Awustiraaliyaa keessatti amma sagantaa talaallii RSV bilisaan daa’imman RSV irraa eeguuf ni jira.
Vaayirasiin sirna hargansuu (RSV) maali? (What is respiratory syncytial virus (RSV)?)
Vaayirasiin sirna hargansuu (sin-city-al) (RSV) vaayirasii funyaan, qoonqoo fi somba faaludha. Daa’imman irratti sababa dhukkuba ujummoo sirna hargansuu (dabarsa hafuura baafannaa) baay’inaan mul’atudha.
Namni kamiyyuu RSV qabachuu danda’a – ijoollee qofa miti. Vaayirasii baayyee namatti daddarbudha. Ijoolleen baay'een isaanii guyyaa dhaloota isaanii isa lammaffaatti sadarkaa tokkotti RSV qaban, yeroo tokkoo ol RSV qabachuun ni danda'ama.
Garaagarummaan qufaa fi RSV gidduu jiru maali? (What is the difference between a cold and RSV?)
RSVn vaayirasoota hedduu keessaa tokko yoo ta'u, qufaa barame dabalatee infekshinii sirna hargansuu fiduu danda'a. Dhukkuba adda ta'e miti.
Yeroo baayyee RSVn qorra salphaa mallattoolee akka dhangala'aa funyaanii fi qufaa torban tokko ykn lama keessatti fooyya'aa ta'e fida. Haa ta’u malee, vaayirasichi daa’imman tokko tokko keessatti haala hamaa uumuu danda’a, kan akka biroonkiyoolayitii fi dhukkuba sombaa – keessumaa daa’imman waggaa tokkoo gadi ta’anii fi kanneen balaa qaban kanneen akka yeroon dahumsa oso hin gahin dhalatan fi dhukkuba sombaa yeroo dheeraa qaban irratti. Rakkoolee jiran akka asmii hammeessuusni danda’a.
Mallattoolee RSV (Signs and symptoms of RSV)
Ijoollee baay’ee keessatti RSVn akka idileetti dhukkuba salphaa kan fidu yoo ta’u, mallattoon torban tokkoo hanga lamaa gidduutti kan turu dha.
Mallattoowwan dhukkuba RSVn dhufan baay’inaan mul’atan:
- Dhangal'aa funyaanii
- Qufaa
- Sagalee waliin hafuura baafadhu
- Hafuura baafachuuf rakkachu
- Ho’ina qaamaa.
Mucaan keessan mallattoo infeekshiinii RSV qofa guyyoota hedduuf agarsiisuu danda’a erga vaayireesichaan saaxilamee.
Irra caalaan infekshinii RSV boqonnaa fi dhangala'aa baay'eedhaan mana keessatti ni fooyya'a. Haa ta’u malee, RSVn rakkoolee ciccimoo nyaata daa’ima keessanii fi hafuura baafachuu irratti dhiibbaa uumuu danda’an fiduu danda’a. Mallattoo daa’ima keessanii hordofuun barbaachisaa dha.
RSVn daddarbaadhaa? (Is RSV contagious?)
RSV baayyee daddarbaa dha. Kana jechuun salphaatti nama tokko irraa gara nama biraatti daddarba jechuudha. Yoo daa’imni keessan dhukkuba RSV qabaate, mallattoon isaanii erga jalqabee hanga guyyoota saddeetitti vaayirasicha namoota biroof dabarsuudhaaf carraan isaanii guddaadha. Mallattoo dhukkubaa kamiyyuu agarsiisuu isaanii dura guyyaa tokko ykn lama durallee RSV babal’isuu danda’u.
RSVn karaa cophaa babal’ata. Namoonni dhukkuba kanaan qabaman yeroo haasa'an, qufa'an ykn haxxifatan, copha gara qilleensa ykn gara fuulaatti gadhiisu. Vaayirasiin kun sa’aatii hedduudhaaf, harka hin dhiqatamne irrattis hanga daqiiqaa 60tti fuula akka meeshaa taphaa irratti jiraachuu danda’a.
Babal’ina RSV dhaabuu (Stopping the spread of RSV)
Mucaan keessan RSV akka hin babal’isne dhorkuun rakkisaadha – keessumaa yoo dargaggeessa ta’e. Qulqullina gaarii akka shaakalan barsiisuudhaan babal’ina namoota birootti daangessuuf gargaara.
RSV akka hin babal'isneef karaaleen hundarra gaarii ta'an kunooti:
- Mucaan keessan dhugaatii, meeshaalee nyaataa ykn meeshaa taphaa (yoo danda’ame) yeroo dhukkubsatanii fi meeshaalee kana, fuula waliin, itti fayyadama gidduutti akka qooddatan hin eeyyaminaa.
- Mucaan keessan yoo qufa'uu fi haxxiffatu tishuu iratti aka ta'u jajjabeessaa, achiis tishuu sana gataa.
- Mucaan keessan yeroo baayee akka harka dhiqatu barsiisaa, yoo funyaan isaanii qulqulleeffatan dabalatee.
- Mucaa keessan daa’imman reefuu dhalatan ykn namoota dhukkuba ittisa qaamaa laafaa qaban irraa fageessi yeroo dhibaman.
Yoo daa’imni keessan waggaa lamaa ol ta’e, haguuggii fuulaa fi fageenya qaamaa tamsa’ina RSV dhaabuuf gargaaruu danda’a. Haguuggii fuulaa daa’imman waggaa lamaa gadi ta’an irratti balaa hargansuu fida.
Akkaataa RSV mana keessatti itti kunuunsan (How to care for RSV at home)
- Yoo dhukkubni itti dhaga'ame ykn yoo qufa’anii fi baay’ee haxxiffatan daa’ima keessan manaatti qabadhaa.
- Yoo daa’imni keessan miira gaarii itti dhaga’ame, qufaa fi haxxiffachuu yoo xiqqaa ta'e, fi akkasumas yoo nyaatanii fi dhugan ta'e, sochii idilee akka kunuunsa daa’immanii fi mana barumsaa itti fufuu danda’u.
- Mucaan keessan yeroo baay’ee dhangala’aa xiqqoo akka dhugu jajjabeessaa. Mucaan keessan waggaa tokkoo gadi yoo ta’e, yeroo hunda dhangala’aa xiqqoo akka aannan harmaa, foormulaa ykn bishaanii isaaniif kenni.
- Mucaan keessan boqonnaa baay’ee akka argatu mirkaneeffachuuf yaalaa.
Yoom gargaarsa argatan (When to get help)
Ambulaansii (000) bilbili yoo:
|
- mucaan keessan gara bifa cuquliisa jijjiiramu ta’ee, hafuura baafachuuf rakkachaa jira, hafuura baafachuu isaanii (apnoeas) keessa dhaabatee jira ykn baay’ee jabaa ykn saffisaan hafuura baafachaa jira.
|
Gara hospitaala deemi yoo:
|
- mucaan keessan hafuura baafachuuf ykn hafuura saffisaan baafachuuf rakkachaa jira ta'e.
- mucaan keessan nyaata isaa isa barame keessaa walakkaa gadi fudhachaa jira ta'e.
- mucaan keessan ji'a sadii gadi kan ta'ee fi dadhabbiin kan mul'atu ykn gaarii hin fakkaatu yoo ta'e.
|
Doktara ykn ogeessa fayyaa ilaalaa yoo:
|
- mucaan keessan ji’a sadii hin guunne yoo ta’e, ho’a qaamaa 38°C ol qabaate.
- mucaan keessan ho’a qaba, akka gaarii hin fakkaatu ta'e.
- mucaan keessan waggaa tokkoo gadi waan ta’eef nyaachisuuf rakkachaa jira ta'e.
- mucaan keessan qufaa hammaataa jiru ykn hafuura baafachuu isaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru qabaate.
- mucaan keessan haala fayyaa dhukkuba cimaa RSV irraa isaa akka mudatu kan goodhu akka dhukkuba sombaa yeroo dheeraa ykn dhukkuba onnee dhalootaan dhufuu qabaate.
|
Mucaa keessan mana keessatti kunuunsaa yoo:
|
- mallattoolee dhukkuba RSV akka dhangala’aa funyaanii, qufaa ykn hafuura sagalee qabu qabaatan.
|
Talaallii RSV dubartoota ulfaa fi talaallii RSV daa'immaniif (RSV vaccine for pregnant women and RSV immunisation for infants)
Jalqaba bara 2025tti mootummaan Awustiraaliyaa daa’imman RSV irraa eeguuf sagantaa talaallii bilisaa jalqabee jira. Sagantaan Haadhaa fi Eegumsa Daa’immanii RSV talaallii dubartoota ulfaa fi daa’imman balaa RSV cimaa ta’e qaban of keessatti qabata.
Talaallii dubartoota ulfaaf (Vaccine for pregnant women)
Sagantaa talaallii biyyaalessaa jalatti dubartoonni ulfaa amma talaallii RSV haadhummaa ‘Abrysvo®’ bilisaan argachuu danda’u. Dubartoonni ulfa torban 28 irraa kaasee hanga daa'ima reefuu dhalate RSV irraa eeguuf talaalliin kun ni gorfama. Talaalliin haadha bilisaa infuleenzaa fi qufaa sagalee (whooping cough) akka ta’u karaa nagaan kennamuu danda’a.
Qorannoon akka agarsiisutti talaalliin RSV yeroo ulfaa carraa dhukkuba RSV cimaa daa’imman ji’a 6 gadi ta’an keessatti qabaman gara 70% hir’isa.
Talaallii daa'immaniif (Immunisation for infants)
Viktooriyaa keessatti Ebla 1 hanga Fuulbana 30 bara 2025tti, talaalliin antiibadii moonookloonaal RSV ‘BeyfortusTM’ jedhamu daa’immanii fi daa’imman xixiqqoo ji’a saddeet gadi ta’an kanneen balaa dhukkuba RSV hamaa ta’eef saaxilaman, kan akka biroonkiyoolayitii, eeguuf ni dhiyaata. Qorichi kun vaayirasii RSVtti maxxanee qaama keessa seelii akka hin seenne dhaabsisa. Akka qoricha lilmootti kennama.
Daa’imman baay’een isaanii talaallii haadha ykn antiibadii moonookloonaal qofa irraa eegumsa barbaadu. Daa’imman balaa RSV cimaa qabanis yeroo RSV jalqabaa ykn lammaffaa isaaniitti doosiin BeyfortusTM ni kennamaaf.
daa’imni keessan talaallii RSV qabaachuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataaf, odeeffannoo sagantichaa dubbisaa ykn website Melbourne Vaccine Education Centr (MVEC) daawwadhaa. Gaaffii yoo qabaattes hakiima keetti dubbachuun gaariidha.
Gaaffiiwwan beekamoo waa’ee RSV (Common questions about RSV
RSVn yeroo hangamii turuu danda'a? (How long does RSV last?)
Yeroo baayyee, infekishiiniin RSV akka utaalloo torban tokkoo hanga lamaa fudhata. Mucaan keessan haala jiru kan akka asmii yoo qabaatan fayyuuf yeroo dheeraa fudhachuu danda’a.
Ga’eessonni RSVn qabamuu danda’uu? (Can adults get RSV?)
Ga’eessonni akkuma daa’immanii infekishiinii RSV argachuu danda’u. Ga’eessonni infeekishinii RSV qaban baay’een isaanii mallattoo akka dhangala’aa funyaanii, qufaa, hafuura sagalee qabu, hafuura baafachuuf rakkachu ykn ho’inna qaamaa qabu. Namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ol ta’e RSV irraa baay’ee dhukkubsachuuf carraa guddaa qabu.
Mucaan koo qorra qaba; RSV'f isaan qorachuun na barbaachisaa? (My child has a cold; do I need to test them for RSV?)
Mucaan keessan qorra yoo qabaate vaayirasii kam akka qaban adda baasuun rakkisaa ta’uu danda’a. Qorannoowwan mana qorichaa RSV sakatta'an irraa ni jira; Doktarri tokkos qoorannoo fuunyaan ykn qoonqoo PCR jedhamu gochuu danda'a. Haa ta’u malee, daa’imni keessan RSV ykn vaayirasii biraa qabaachuun isaa dhuguma dhimma hin qabu, sababiin isaas wal’aansi qorra hundaaf ta’u tokko dha, isaas – boqonnaa goodhuf fi dhangala’aa baay’ee dhuguu dha. Antibaayootikoonni vaayirasii irratti hin hojjetan.
Odeeffannoo dabalataaf (For more information)
Kutaa Qoricha Waliigalaa kan Royal Children's dhaan kan qophaa’e yoo ta’u, galtee kutaa balaa tasaa irraa argame. Galtee fayyadamtootaa fi kunuunsitoota RCH beekamtii kennaaf.
Ebla 2025 ilaalame
Maaloo yeroo hunda gorsa isa dhiyoo ogeessa fayyaa galmaa’ee fi hojiirra jiru irraa gaafadhu.